Skip to content

Gaaffiilee?

Waa’ee Qo’annoo

Namoonnii akkamitti, yoom, essaa, fi maaliif naannoo Twin Cities guddittii keessaa fi tooraa isii imalan caalaatti baruu barbaanna Sarxaalee geejjiba naanno’oo akka hubannu nu gargaaruf akka imala keessan galmeessitan isin gaafataa jirra. Hirmaachuudhaan haawaasaa keessan keessatti fooyya’insoota geejjibaatiif akka karoorsinu nu gargaaruu ni dandeessuu. 

Hirmaannaan keessan maatiiwwan akka keessanii karoorawwan geejjibaa naanno’o keessattiu akka bakka bu’aman ni mirkaneessa. Itti-naqaan keessan dhiibbaa guddaan qaba sababni isaatis maatiiwwan muraasa qofatu akka hirmaataniif afeerrame. 

Nannoo Twin Cities guddittii keessaa maatiiwwan afeerraman faduuliidhaan filataman.

Qorannichi jiraattota seera qabeeyyii Yunaayitid Isteetis, kan umriin isaanii waggaa 18 yookaan isaa ol tahe, kan naannoo Tiwin Sitiis guddichaa jiraataniifidha. Hojjettoonni, maammiltoonni, kontiraakteroonni, daayirektaroonni fi hojjetonni RSG, fi miseensi maatii isaanii dhiyoo fi namoonni isaanii wajjin mana tokko keessa jiraatan ulaagaa hin guutan. Qorannoon guutame hundi kakaastuu maallaqaa hamilee tumsuuf godhamuuf ulaagaa hin guutu.

Kakaastuun maallaqaa kamuu erga eenyummaa fi teessoon mo’ataa adda bahee booda ni ergama. Qorannoo marsariitii (weebii) guutuun MANA TOKKO KEESSATTI KAKAASTUU TOKKOTTI DAANGESSI yookaan qorannoo moosaajii bilbila ismaartii guutuun GAHEESSA (18+) TOKKOTTI KAKAASTUU TOKKOTTI DAANGESSI.

Jijjiiruun, maallaqa callaan bituun, yookaan deggersa maallaqaa sana daddarbarsuun hin danda’amu. Yoo sababa wayiitiif kakaastuun maallaqaa sun hin kennamu tahe, RSG’n mirga kakaastuu sana waan biraan kan gatiin isaan qixxee yookaan isaan ol taheen jijjiiruuf mirga qaba. Gatii kakaastuu sana kan mo’ateef erguu fi dhaqqabsiisuu jalqabaa irraa kan hafe, gibirri federaalaa, isteetii fi naannoo hundi akkasumas gatiin kakaastuu sana fudhachuu yookaan itti fayyadamuun wal qabatu itti gaafatamummaa fudhataa kakaastuu sanaati.

Taatee yeroo baay’ee hin mudanne kan yeroo RSG’n qorannichi yookaan akkaataan kakaastuchaa itti dorgoman yookaan lamaanuu rakkoo qaba jedhee shakke, haga haqummaan adeemsichaa mirkanaa’utti kanfaltii kakaastuu sanaa adda cituu danda’a. Yoo danda’ame, RSG’n adda cituu fi eegalamuu kanfaltii kakaastuchaa yaadachiisa marsariitii qorannichaa irra ni ka’a.

 

Qo’annoo Xumuruu

Qo’annoo dhaaf galmaa’uudhaaf toora daqiiqaalee 10 takka ni fudhata. Al-tokkoo yoo galmooftan, imalota keessan galmeessitanii akka qo’annoo xumurtaniif Qajeelfamoota isiniif kennina. Maatiiwwan imala isaaniii guyyoota 7 ismaartfoonii, rMove, keessatti galmeessan tokkoon-tokkoo guyyaatti imala isaanii gabaasuudhaaf hamma daqiiqalee 5-10 tokko itti fudhata. Maatiiwwan imala isaanii sarara irratti yookiin bilbilaa isaanirratti galmeessan lakkoofsa maatii tokkorratti imala isaanii kan guyyaa tokkoo galmeessuudhaaf daqiqaalee 10 itti fudhata. 

Erga miseensonni maatii keessanii hundi imala isaanii gabaasanii fi qorannoo isaanii guutanii xumuran kaardii kennaa ni fudhattu. Yoo miseensonni maatii keessanii mosaajii bilbila ismaartii, rMove dhaan hirmaatan, erga guutanii booda tokkoon tokkoon gaheessaa/ttii kaardii kennaa ni fudhatu (FKn, maatiin gaheessota lama qabu kaardiilee kennaa lama fudhatu) Kaardilee kennaaf ulaagaa guutuuf gaheessonni miseensa maatii hundi qorannicha guutuu qabu. Maatiileen waa’ee geejiba isaanii karaa interneetii (onlaayinii) yookaan bilbilaan gabaasan kaardii kennaa tokko fudhatu. 

Hammi imalaa kamiyyuu (yoo imala tokkollee hin godhin) geejjiba imala naanno’o karoorsuudhaaf nu gargaarsa. Imalli gabaabaan akka saree deemsisuu akka lakkaawaman hin irraanfatina.

Sun rakkoo hin qabu – ammallee nuti akka hirmaattaniif isin kakaasna. Akkasumas nuti waa’ee amaloota imalaa keessan baramoo, waggaa darbee imaloonni keessan akkamitti akka jijjiiramee fi aakkaataa gara fulduratti ittiin imala jettanii yaaddan isin gaafanna.

Eraga rMove buufattanii galmooftan booda, jireenya guyyaa guyyaanii keessan wayta itti fuftan rMoven imaloota keessan kan torbaan tokkoo ni galmeessa. Tokkoo tokko guyyaatti qorannoo gabaabdu guyyaa guyyaanii kan waa’ee amaloota imalaa keessanii fi qorannoo imalaa waa’ee tokkoon tokko imala gootanii akka xumurtan ni gaafatamntu.

Iccitummaa

Nuti iccitummaan, amanamummaa fi eegumsa odeeffannoo dhuunfaa keeessanii eeguuf kutatoodha. Itti-gaafatamummaa kana akka malee jabeessina. Yoo seeraan gaafatame malee odeeffannoo dhuunfaa isin irraa sassaabnu hin saaxillu yookiin qoonnu. Imaammanni iccitii-dhuunfaa keenya odeeffannoo akkamitti akka sassaabnuu fi eegnu akka hubattan isin gargaaruuf kan yaaddame dha. Sanada iccitii dhuunfaa qo’annichaa dubbisuuf MSPtravelstudy.org daawwadha. here.

Bu’aalee qo’annoo karoorsitoonni naanoo tii fi naanno’a dha akkamitti imallii guyyaa-gara-guyyaa naannoo guutuu keessaa garaagara akka ta’e akka hubatan gargaara. Teknoolojiwwanii fi karaan namoonni itti daddeeman jijjiiramu itti fufeen, bu’aaleen qo’annoo dhaabbatoota akka isaan investimantiilee geejjibaa qabatamoo dhiheessan, iyyatoota deeggarsa maallaqaa federaalaa baasan, fi fooyya’iinsa feedhiiwwan naannootiif sirritti mijjaawuuf dursa akka kennaniif gargaara.

Gaaffiilee?

Oromo