Skip to content

Sanada Iccitii-dhuunfaa Pirojectii-Muraasaa

Eenyuutu qorannoo gaggeessa?

Tarreeffama Amala Imalaa Mana maree Magaalaa bakka bu’uudhaan Garee Sirnoota Odeeffannoo, Inc. tiin gaggeeffamaa jira. (RSG). (RSG)n fayyadamaawwan softiweerii, ismartfoonii, marsariitiiwwan, qorannoowwan, kompitaroota,tableetiiwwan, fi maloota biroo daataa ittiin sassaaban(waloodhaan, “Meeshaalee Qo’annoo) fayyadamuudhaan maamila damee hawaasaatii fi dhuunfaa lamanuu bakka bu’uudhaan qo’annoo gabaa gaggeessa. Daataan RSGn sassaabamu privacy policy dhaan bulfama.

Yoo jechoota waliigaltee Barruu Pirojektiin Walqabatuu armaan gadii fi jechoota waliigaltee qajeelfama iccitummaa RSG gidduu gargaarummaan jiraate, jechoota waligaltee inni Barruu Pirojektiin Walqabatuu armaan gadii ni bulcha.

Maal sassaabaa jirraa?

RSGn qorannoo kanaaf odeeffannoowwan dhuunfaa murasa isin irraa sassaabee itti fayyadamuu barbaada.

  • Odeeffanno imalaa tii fi – fakkeenyaaf, odeeffannoo imaloota isin gootan iddoolee sirrii, sa’atiiwwan imalaa, fi haaloota imalaa dabalatee.
  • Qubsuma hawaasaa tii fi – eddattoon qo’annoo uummata naannoo qo’annoo sana calaqqisuu isaa mirkaneessuuf jecha fakkeenyaaf, sanyii, gosa, fi galii maatii.
  • Bareechisaa maatii keessanii tii fi – fakkeenyaaf, eenyuutu maatii keessan keessa jira akkasumas miseensa maatii kana wajjii hariiroon teessan haala fudhaaf heeruumaa tii fi eenyummaa koorniyaa keessanii fi kan abbaa-warraa/haadha-warraa/jaalalee keesanii dabalatee.
  • Odeeffannoo qunnamtii tii fi – fakkeenyaaf, dhimmaa yaadachiiftuuwwan qorannoo tii fi kaardiiwwan kennaa raabsuudhaa tiif teessoo Iimeelii yookiin lakkoofsa bilbilaa.
  • Qindaa’inoota compitara tii fi – fakkeenyaaf teessoo IP compitara yookiin meeshaa keessanii.

RSGn iccitummaan, amanamummaa fi eegumsa odeeffannoo dhuunfaa keeessanii eeguuf kutatoodha. Yoo seeraan gaafatame yookiin akkuma Sanada Iccitii-dhuunfaa Pirojectii-Muraasaa tii fi imaammata iccitii-dhuunfaa keenya irratti ibsameen malee odeeffannoo dhuunfaa isin irraa sassaabnu hin saaxillu yookiin qoonnu.

Akkamitti nuti data kan fayyadamna?

RSG fi Manni maree Magaalaa odeeffannoo keessan kan fayyadamaniif: 

  • Sarxaawwanii fi amaloota imala naanno’oo hubachuu.
  • Manni maree Magaalaa akka investimantiilee geejjibaa qabatamoo dhiheessanii fi fooyya’iinsa feedhiiwwan naannootiif sirritti mijjaawuuf dursa akka kennaniif gargaara. 
  • Waa’ee haala qo’annoo kessanii tiif akkasumas deeggarsa isiniif kennuuf isin qunnamu.
  • Xumuruu keessaniif onneessituu maallaqaa isiniif kennuuf isin qunnamu (yoo barbaachise).
  • Wayta odeeffannoon iccitii-dhuunfaa marti haqamee yemmuu gaafatametti akka kutaa dilbii-odeeffannoo qo’annoo dhiheessan Mana maree Magaalaa tiif hayyamaa.

Odeeffannoo kana eenyuu wajjiin qooddanna?

RSGn odeeffannoo keessan warreen wajji qooddatan:

  • Mana Maree Magaalaa
  • Damee Geejjibaa Minnesota
  • Damee Geejjibaa Wisconsin
  • Qorannoo kanaaf iimeelii baasuudhaaf dhiheessaa softiweerii ofummeessaa iimeelii
  • Deeggarsa qorannoo gaggeessuuf handhuraa bilbilaa
  • Meeshalee qorannoo maxxansanee erguu dhaaf mana maxxansaa
  • Kaardii kennaa xumuruu qorannoo baasuuf daldalaa kaardii keennaa
  • Hirmaannaa qorrannoo deeggaruuf dhaabbata walitti-dhufeenya hawaasaa tii fi hirmaannaa uummataa
  • Carraaqqii hirmaannaa uummataa tii fi xiinxala oodeeffannoo deeggaruuf dhaabbata gorsaa

RSG's privacy policy raawwii kubbaaniyyaa nuti ofii keenyaa hin qabaannee yookiin hin too’annee, yookiin namoota nuti hin qacarin yookiin hin bulchinee hin ilaallatu.

Odeeffannoo kana dhiheessuuf onneessituu maallaqaanii maal kennitu?

  • Waliigala qorannoo kanaa akkuma xumurtaniin, akkaataa meeshaa qo’annoo itti xumurtan, qubsumaa hawaasaa garee keessanii ilaallatu hir’ina odeeffannoo, fi dursoota Mana Maree Magaalaa irratti hundaa’uu dhaan RSGn waraqaa ragaa kennaa gatiin isaa $10 - $25 tahu isiniif kenna. Akka (a) qorannoolee wal-fakkaataa irratti gatiin odeeffannoo ilaallatee ragaa seenaa, fi (b) deeggarsa maallaqaa maamilli keenya pirojeektii kanaaf nuu kenne fayyadamuudhaan heerragametti badhaasni kuni amantii gaarii RSGn tilmaama gatii odeeffannoon keessan Mana Maree Magaalaa tiif qabuu dhaati bakka-bu’a. 
  • Odeeffannoo waa’ee onneessituulee RSG dabalataatiif maalo kutaa VIII Privacy Policy keenya ilaala.

Hirmaannan keessan tolaani.

Qamoonni armaan olii hirmaataan tokkon tokkoo pirojektii keessatti argamuu dhiibbaa yookiin dirqaa malee akkasumas waada yookiin beenyaa RSG irraa osoo hin eegne hirmaannaa isaanii bilisaan keennaa jiraachuu isaaniirratti waliigalaniiru.

Yaada kee jijjiiruu ni dandeessa?

Eeyyen. irratti gama sirna nageeenya keenyatiin Gaaffii Odeeffannoo Iccitii-dhuunfaa galchuudhaan waliigaltee keessan keesuu yookiin mirga odeeffannoo keessan hojiirra olchuu ni damdeessan.

Do Not Sell

Oromo